Explore my side projects and work using this link

Upsidedown is a WordPress theme design that brings blog posts rising above inverted header and footer components.

Seenaa Gootitti Oromoo Mahbuuba

Written in

by

SEENAA INTALA OROMOO MAHBUUBA…
(Itti cichaa dubbisaa, share godhaa..)
GABRUMMAA GARA GIIFTUMMAA – SEENAA INTALA OROMOO BARA 1837

Ummata hedduu biratti keessattu ummata Oromoo biratti seenaa intala Oromoo tokko jaarra 19ffaa keessatti akka gabratti biyyaa Jaarmanii kan geefamteetu dubbatama. Seenan kuni namoota hedduu biratti dhaggeettii guddaa qabaatus, kanneen seenaan kun dhugaa ta’usaa kan shakkan baay’ee dha. dhugaa jirtu barruu armaan gadii irraa obsaan dubbisaa!

Duraan dursinee seenaan kun dhugaa ta’usaa jalqabarratti isiin beeksisuu barbaanna. Bara 1837 A.L.A sirna bulchiinsa mooti Mohammad Alii keessatti, biyyaa Masriitti gabaa gabroota magaala Kaayirootti gaggeefamaa ture. Bara kana keessa ilma warra mooti lammii Jarman kan ta’e Hermann Von Paklar kan jedhamu dhaawwannaaf biyyaa Masrii deeme ture. Magaala kaayiroo gabaa gabroota keessa utuu imalaa jiru, shamarree bareeddu tokko arge. Bareedina shamarree kana dinqisiifate yeroo dhuma kanatti akka ishee bitu dirqame. Kitaaba maxxansaa 9ffaa yaadannoosa keessatti, Hermann akka barreessutti, “shamarree kana gabroota biroorra adda kan taasise isheen uffata aadaa biyya naanno itti dhalattee fi faaya adda adda qaamashee irratti arge. Kunis akka isheen reefu gabaarratti fidan agarsiisa. Gabrootni baay’ee yeroon isaan gabaa irra oolan uffata naanno isaan ittiin dhufan hin qaban. Gabrootni haaraa fi gabrootni moofaa haala kanaan addan baasani ilaalan.” Shamarreen bareedduun kunis maqaan gabaa kana keessatti ittiin beekamtu Ajjimee jedhamtuus, kan isheen itti moggaafamte Mahbuuba (ﻣﺤﺒﻮﺑﺔ) jedhamti. Hiiqaan maqaa kana warri gaafatan yoo jiraate, Afaan Oromootin Jaalatamtuu jechuu dha.

Akkaata intalli Oromoo kuni gabaa gabroota kana keessa galuu dandeesse gaaffii namoota hedduu ta’uu danda’a. Seenaa Mahbuuba akka qoratameetti akkasumas akka isheen dubbateetti, Yeroo isheen waggaa saddeet turte sanatti naannoo isheen itti dhalatte sana jeequmsaatu ture, jeequmsa kana keessatti obboleewwan ishee kan dhiira fi abban ishii akkasumas manni isaani ibiddaan kan gubame ija ishiitin raga baate. Yeroo kanattii Mahbuuba fi obboleetti ishii harka daldaloota gabroota jala seenan. Daldalootni kuniis Mahbuuba fi obboleetti ishii gara magaala Gondar Kaaba Ixoophiyaatti imalchiisan. Achittii gabaa gabrootaatu ture. Gabrootni naannolee Kibbaa biyyaatti irra fidan hunduu magaala Gondariirra gara Suudanitti geeffamaa turan. Sudaan irra immo gara Biyyaa Masriitti kanneen geeffaman keessaa Mahbuuban ishee tokko dha. Imala kana gidduutti iddoon obboleetti ishii itti baddee beeku baattus yeroo sanatti Oromoota hedduu yookan immo warrootni Afaan ishii beeku hedduu wajjiin turte. Jaarra 19ffa keessatti gabrootni biyyaa Ixoophiyaarra dhufan lakkoofsan gara kuma diigdami shan (25,000) tilmaamama, hedduunsaani kibbaa biyyattiirra fidan. Kanneen keessa Oromootatuu baayyata. Warroota asirra biyyoota Awroopa, fi Hindiitti kanneen gurguraman baay’ee dha.

Biyyaa Masriitti, Hermann erga Mahbuuba bitatee booda ishee waliin biyyoota garaagara deeme. Yeroo kanatti Mahbuuban umrii wagga 10 – 12 gidduu taatus, bilchina sammuu fi akkaata amala ishii yoo ilaalan nama hojjaan madaalamuu mitii. Kanarra kan ka’e, Hermann jaalala Mahbuubatin booji’ame. Biyyaa Jarmaniitti haadha manasaa wajjiin wal yaa hiikani iyyuu, Mahbuuba wajjiin akka niitii lammaffaa walii-wajjiin jiraata ture. Adeemsa isaa keessatti biyyoota kannen akka Felestiin, Suuriya, fi Istanbuul(Turkii), Mahbuuba wajjiin deeme. Biyyoota kana keessa intala kana qabatee wajjiin deemu waan sodaateef, uffata loltuu dhiira uffisee wajjiin deema ture.

Yeroo jarri Awroopha seenan, turtii yeroo muraasa booda Magaala Budapest biyyaa Hangarii keessatti Mahbuuban cuuphamte turte. Achirra immo magaala Viyeena biyyaa Awustriyaa seenan. Ilmii warra mooti Hermann Von Puckler kuni Mahbuubaan qondaalota ol’aanotin wajjiin barsiisu yaale. Ilaalcha qondaalota kana waan sodaateef, “isheen intala Mooti biyya Absiniyaa dha guddifachuuf biyya kana fidee”, jechuu dhan ummata goyyoomse.
Mahbuuban akka aadaa fi afaan biyyattii barattuu mana barnoota magaala Viyeena sanatti galche. Hawwii afaani waan qabduuf ji’oota muraasa keessatti afaan Itaalii barachuu fi dubbachuu dandeesse.

Turtii muraasa booda biyyaa Awustriyaarra gara biyya Jarmanitti imalanii deeman. Biyya Awustriyaatti kabajaa dhaan haa jiraatan iyyuu, biyyaa Jarmaniitti garuu Hermann intala gurraacha jaalachuunsaa baay’ee kan qeeqama ture. Keessattu haadha manaa Hermann kan durii, Mahbuuba akka biyyaa Jarman hin seenne barbaada turte. Isheen masara mooti seenuun safuu biyyatti cabsuu dha akka ta’e ilaalama ture. Ilmi warra mooti kuni immo tasuma ilaalcha namoota fi qeeqni inni argataa ture jaalala inni Mahbuubaf qabu dabalaa dhufe malee hin hir’anne. Haati mana Hermann kan durii utuu qeeqtu jaalala isaani kanarratti hinaafte harka kennattee dhiifte.
Bara 1840, Mahbuuban biyyaa Jarmanii erga seente booda nama Oromoo kan akka ishee harka gabrootan gurgurame tokkoon wal barte. Nama Oolshu Aaga kan jedhamuun erga wal baranii booda maqaan ishii kan warri ishii itti moggaafte Bilillee ta’u ishii Oolshuutti himatte. Iddoo isheen itti dhalattee ofbarte immo Gumaa(Jimmaa) jedhamti jettees himatte. Yeroo kanatti Oolshuun weedduulle garagaraa fi Seenaa tokko tokko Bililleerra barreesse galmeesse.

Ji’a Hagayaa, baruma 1840 Bililleen dhukkuba sombaatin qabamtee turte. Masara warra mooti Hermann keessatti doktorrii akka fayyaa ishii ilaalu qacarame ture. Yeroo sanattii Hermann dhimma dhuunfaaf magaala Berliin deemus yeroo yeroo dhan odeefannoo waa’e Bilillee doktorichaarra argataa ture. Ta’us garuu tajaajila yaala utuu argataa jirtu Onkololeessa guyyaa 27, sa’aati 6 waare booda, Bililleen masara warra mootii Puckler keessatti boqatte adunyaa kanarra adeemte. Yeroo sanatti waggaa 16 turte.

Bililleen lubbuu dhan dabartuus seenaan ishee hamma yoonatti Oonnee Oromoota hedduu keessatti hafe. Iddoo awwaalcha Bilillee magaala Muska’u biyyaa Jarmaniitti argama. Bakkee awaalcha ishii waggaa waggaan namoota dhaawwanna akkasumas seenaa ishii dubbisuuf muuziyaami taasifameera. Oromootni biyyaa Jarmanii jirtan seenaa Bilillee guutuma guututti muuziyaami Puckler kan jedhamu dhaawwachuu dandeessan. Barruuwwan garagaraa akkasumas xalayoota bara sana barreefame hunda achitti dubbisuu dandeessan…..

Mahbuuba

Tags

Leave a comment

Design a site like this with WordPress.com
Get started